Ambo
Welcome to Ambo High School Alumni
Network !

Ambo
Home | About | Seenaa | History | Pictures



Seenaa Mana Barumsa Dimshaasha Sadarkaa lammaffaa Amboofi Haala Amma Irra Jiru .

 

Seensa

Barnoonni ammayyaa Ambotti kan eegalame bara 1920n keessa yemmuu ta’u, yeroo sana manni barumsaa waan hin turreef bakka amma Kollejii Qonnaa Amboo, Hoteela Itiyoophiyaafi mana dhuunfaa keessattilleee kennamaa erga turee booda ajaja mooticha Hayilasillaaseetiin manni barumsaa Maa’iraga Hiwot Zaqadaamaawwii Hayilassillaasee jedhamee moggaafame bara 1947 ijaarame bara 1948 hojiisaa calqabe.

Manni barumsaa kuni yeroo addaddaa maqaa addaddaatiin waaamamaa tureera. Barattoonni itti barachaa turanis konyootii hollaafi aanaalee konyaa Jibaatiifi Maccaa keessaa kanneen babahan turan, hanaga konyoonni hollaa mana barumsaa ijaarratanii of danda’anitti. Haaluma kanaani dardaroonniifi shamarran kumaatamatti lakkaawaman mana barumsichaatti barataniiru. Kanneen keessaa ammoo baay’ee dhaabilee barumsaa oolaanoo biyya keessaafi alaa galani ogummaa addaddaatiin eebifamaniiru, eebifamaas jiru. Yeroo ammaa hayyoonni mana baruumsichaatti baratan kunneen ogummaasaaniitiin biyya ardiifi addunyaallee tajaajilaa jiru.

Manni barumsaa Amboo kanaan dura barsiisa kan ture akkaadaamiifi ogummaa yemmu ta’u, wayita ammaa kanneenirratti dabaluun haala imaammata barnootaafi leenjii haaraarratti hundaa’ee barattoota kutaa kudhan qabxii guddaan xumuran barnoota oolaanaf qopheessuurratti argama.

Manni barumsaa kun waggaa 48f tajaajila kan kenneefi ammas kan kennaa jiru yemmuu ta’u, bara achi aanu ayyaanna waggaa 50 ffaa isaa kabajuuf qophiirratti argama. Haata’u malee warshaan hayyootaa kun rakkoolee walxaxaa ta’an hedduu keessatti

argama. Waggaa 48n hara’aa barattoota kuma tokko (1000) gadiif ijaaramanii kanneen turan manni kitaabilee, laabooraatoorifi dareewwan barumsaa fooyya’insi (jijjiramni) kana jedhamu osoo hin taasiifamiiniif yeroo ammaa barattoota kuma ja’aa (6000) ol tajaajilaa jira.

Kanuma irraa ka’uun, barattonni mana barumsichaa kan duriifi misooma jaalattonni kabaja ayyaana waggaa 50 ffaa isaa sababeefaachuun rakkoolee mul’atan keessaa muraasa isaanii gamtaadhaan hir’suuf waamicha gochuurraatti argamu.

Rakkoolee Gurguddoo Mana Barumsichaa

Mana Kitaabaa

Manni kitaaabaa mana barumsichaa yeroo ijaaramu altokkotti barattoota 50 akka tajaajilu yaadamee ture. Yeroo ammaa garuu heddummina barattootaa irraa ka’uun hundaaf tajaajila kennaa jechuun hin danda’amu. Kana malees haala teknooloojii si’anaa gokumaa of keessaa hin qabu. Kitaabileen jiranis kan dullooman, yeroon kan itti darbeefi akaakuun muraasa kan ta’aniidha. Kunis rakkicha caalaatti xaxamaa taasiseer a .

2. ManaYaalii (Laabooraatoorii)

Manni barumsichaa yeroo ammaa barnoota akkaadaamiifi ogummaatti dabalee barnoota olaanaaf qopheessu kennaa jira. Haata’u malee manneen yaalii, haalli itti argaman baaay’ee kan nama gaddisiisaniidha. Mannen yaalii baaayooloojii, kemistriifi fiziiksii manni barumsichaa yemmuu ijaaramu kannen wajjin ijaaramanidha. Kanaafuu, yeroo ammaa baay’ina barattotaafi teeknooloojii amamayyaa wajjin kanneen walgitan miti.Dullomanii cacabaniiru. Meeshaaaleen isaanis duubatti hafootaafi tajaajila ala kanneen ta’aniidha. Walumaagalatti manni barumsichaa haala baruu barsiisuu qixaan eegee adeemsiisaa jira jechuun hin danda’amu .

3 . Dareewwan Barnootaa

Manni barumsichaa dareewwan ga’aa waan hin qabneef barattoota saglatama (90) ol daree tokko keessatti keessummeessaa jira.

Dhiphinni daree kunis adeemsa barnootichaarratti dhiibbaa guddaa fideera. Kana biratti bara baraan barattonni 1,800 ol carraa barumsaa hin argatan. Kuni ammoo rakkoo rakkoo caaludha.

4 . Haala Teeknooloojiii Ammayyaa Mana Barumsichaa.

Barnoonni jabanaa har’a sadarkaa ga’e yoo ilaallu gumaachi inni dagaaggina qorannofi teeknooloojiif gochaa jiru baa’yee gudaadha. Manni barumsaa Amboo karaa kanaan guddinni agarsiise hin jiru yoo jedhamee dhugaarraa maquu miti.

Teeknoolojiin kompitaraafi gochiiwwan barattonni irratti hirmaatan hin jiran. Kanarraa waanti hubtammu manni barumsichaa hammam akka dubatti hafedha.

Hayyoota beekkamoo baay’ee kan horeefi angafa kan ta’e manni barumsichaa har’a dadhabee birmannoo gaaffachurratti argama.Koreen barattoota mana barumsichaa duriin dhaabate rakkoolee jiran tartiibaan qo’achiisee muraasa isaanii hiikuuf piroojektii qopheeseera. Kanumarratti hundaa’uun kaarii meetra 1500 irratti gamoo abbaa fookii tokkoo kan mana kitaabaa, kompiitaraa fi laaboraatoriif oolu qarshii miiliyoona kudhaniin hojjechissee bara 1998 yemmuu ayyaanni waggaa 50 ffaa mana barumsichaa kabajamu xumuuree kennuuf galii walitti qabuuf sochii godhaa jira.

Isinis bakka arganmtanitti qooda keessan ba’uun akka hirmaattan waamichi isiniif dhiyaateera. Kanaafuu namoonni horii (qarshii) gumaachitan (kenniitan) Baankii Daldala Itiyoophiyaa, dame Amboo lakkoofsa herregaa 1300 yookiin Finfinneetti Baankii Daldala Itiyoophiyaa, dame Sillaasetti lakkoofsa herregaa 90232 cufamaa banametti gargaaramuun galchuu

ni dandeessu.

Akkasumas gargaarsa gomaacha kennaa meeshaalee ijaarsaa, kompiitaroota, kitaabilee fi meeshaalee addaddaattinis hirmaachuun ni danda’ama.

Galatoomaa

Koree qindeessittu kabaja waggaa 50 ffaa mana Barumsa Amboo

Lakkoofsa Saanduqaa

Lakk. Bilbilaa

Faaksii

Imeelii