Ambo
Welcome to Ambo High School Alumni
Network !

Ambo
Home| About| Seenaa| History| Pictures|   



Waldaa Barattoota Amboo Durii (Association of Ambo Alumni)

KAAYOO WALDICHAA

Waldiichii bu’aadhaaf kan hin dhaabannee siyaasaa ykn haala amantaa kan hin qabnee Waldaa Barattoota Amboo Durii yoo ta’u kan dhaabatee kaayoo armaan gadiitiifi.

1. Barattonii Amboo durii haallii jireenyaa fi walitti dhufeenyii qabeenyaa, ispoortiidhaan, misoomaan wal gargaaruu babal’isuu fi akka jajjabaatuu haalaa mijeessuu;

2. Barnnoonnii bal’inaa fi haala qulqulinaan naannoo sanatti akka wal ga’u, akka gargaaramuu, keessattuu ijoolee dubaraa ykn barattoonni gargaarsaa adda ta’e haalli itti argatan jajjabeessu fi gargaaruu;

3. Misoomaa naannoo fi haala godiinaa keenya barbaachiisaa ta’e qorachuudhaan naannoo isaaf misoomaa fi barreeffamoota yaada invastimantii kkf akka sosochoo’aan waltajjii uumuu (forum);

4. Manni barumsaa ol-aanaa sadarkaa 2ffaa Amboo ga’umsa barnootaa (academic excellence) adda ta’ee akka ba’u gargaaruu;

5. Jiraattonnii naannoo waa’ee HIV/AIDS beekumsa fooyya’aa akka qabaatu kan taasiisu gargaarsa gochuu.