Ambo
Welcome to Ambo High School Alumni
Network !

Ambo
Home| About| Seenaa| History| Pictures|   



Hojii fi itti gaafatamuummaa koree walitti dhufenya miseensootaa

1. Barattoota Amboo duriitiin waliitti dhufeenyi fi qabeenyi akka babal’atu fi jajjabaatu, walitti dhufeenyi barattota Amboo duriitiif dandiiwan ykn tooftaa ni qopheessa. Boordii hojii geggeessatiif dhiyeessee yeroo mirkanaa’u hojii irra ni oolcha.

2. Miseensonni ispoortii fi waltajii bashananaa biroo irratti akka wal arganu ni mijeessa.

3. Waldichi ispoortii fi bakki bashananaa akka jiraatu kanaaf kan ta’u qorachuudhaan boordii hojii geggeessaatiif dhiyeessee yeroo mirkanaa’u hojii irra ni oolcha;

4. Biyyatti keessatti bakkeewan adda addaa irratti fi biyya alaa biyyoota biroo keessa barattoonni Amboo durii kan jiranu miseensa waldichaa akka ta’ani ni jajjabeessa, ni galmeessa.

5. Bakkeewwan adda addaa kan jiran barattonni Amboo durii walitti dhufeenya isaani jajjabeessuuf dameewwan/chapters dhaabuudhaan barbaachiisaa ta’ee yoo argamee dameewwan/chapters akka dhaabatuu boordii hojii geggessaatiif dhiyeesse yeroo mirkanaa’u hojii irra ni oolcha.

6. Waldichii qophii mataa isaa ta’ee / web-page akka qabaatuuf miseensoonni qophii isaanii irratti akka wal argani, misooma naannoo kan gargaaruu odeeffannoo adda addaa wal jijjiruun akka dada’ amu qopheesuudhaan hojii gegeesaa boordiitiif dhiyeessun yeroo mirkanna’u hojii irra ni oolcha.

7. Walitti dhufeenyi barattoonni Amboo durii fi haalii ittin wal gagaaran akka jabaatu tooftaa qopheesuudhaan hojii geggessaa boordiitiif dhiheessuudhaan yeroo mirkanaa’u hojii irra ni oolcha.